Dubbii haasaa baay’isuun balaa qaba?

Dhukuba Arrabaa:
↪️ Dubbii, haasaa baay’isu:
Dubbii baay’isun dhukuba arrabaa kessaa isa tokkoffaa dha; namotii baay’een garu kana akka dhukubaatti hin ilaalani. Fakkeenya 10/19 akkas jedha:
“Baay’ina dubbiitin cubbun utuuu hin ta’iin hin oluu. Hidhiisaa kan eegatu garu hubataa dha.”

Hoodu baay’ifnaan cubbuu hojechun hin oluu: nama hamachu, namatti darbu, namatti faradu, nama qoccoluu, bira qabanii nama arabsuu fi kkf.

Gara mana Waaqayyo yaroo dhaqxu, arraba kee eegadhu jedhe Macaafi nu gorsa. Macaafa Lalabaa 5/1-3

“Mana Waaqayyotti yammu ol lixxu mila kee eegadhu! Dhaga’udhaaf ol liixi! Dhaga’un aarsaa isa warri gowonni dhi’essan’irra hincaala; isaan waan hamaa akka hojeetan iyyu hin beekanii. Afaan keetiin hin ariifatiin; Waaqayyo durattis waa dubbachuudhaafis yaadaan hin jarjariin! Waaqayyo waaqarra jira atii garuu lafa irra jirtta; kanaaf dubbiin kee muraasa hata’u! baay’inni hojii abjuu namatti fiidaa; haasaan nama gowaa dubbii baay’inaan beekama.”

Waldaa yaroo dhaqnu, mana Waaqayyo itti saba isaa itti sasaabu akka ta’ee baree of eegannaa dhaan dhaqu qabna. Waldaa akka mana sanbateetti namooti ilaalan jiru; bakka itti waan argan dubbatan, iddo itti ufuta isaani agarsiifatan, iddoo itti waan fedha foniif ta’u itti godhatan godhanii yaadu. Farfannaa afaan keenya kessaa ba’un ilee Gooftaa yaroo itti gowomsinu qabna. Fakkeenyaaf farfannaa, ‘ofii koon sii keennaa yaa Gooftaa” jedhu faarfanne yoo of hilaannu ta’ee kun soba dubbachudha.

Namooti tokko tokko maaliif hoduu baay’isu? Hoduu baay’isun kaninni dhufu, jireenya gabii hin qabnee jiraachudhaani. Yaaqob 3/4 akkas jedha:
“Garu namni arraba lengisu danda’u hin jiru; inni hamaa gabii hin qabnee dha.”

Namooti yaroo hundaa hoduu baay’isan namoota gabii jireenya isaanii kessatti hin qabne dha. Nama hoduu bayyisu yoo argite, namni sun nama gabii hin qabne ta’u isaa bartta. Hodu yaro jennu: waan ija hin qabne dubbachu; waan nama hin ebifne dubbachu jechu keenya.

↪️ Dubbii yaada malee dubachu:
Harrabni akkasi dhukubsataa dha. Matewos 12/36 irratti Yesus akkas jedha:

“ani isinittan hima; namottini dubbi yaada malee afaan isaanii kessaa ba’ee hundumaati gafatamanii, guyyaa firditti debii debisuf jiru.”

Yaada malee dhibaa’umaa dhaan dubbii dubbanne hundumaatti itti gaafatamna. Matewoos 5/37 irratti Kristos akkas jedhe barsiisera:

“dubbi kessan keessatti eyyen kessan eyye hata’u; waawun keessan waawu hata’u! kana irraa kan haafe kan isa hamaati(Seexana).”

Waanti nuti dubbannu itti dabala kan hin qabne ta’u qaba; kana irraa kan hafee cubbu dha. Itti daballi soba, sobii immo abbaa sobaa biraa dhufa innis Seexana. Dubbiin kee dhugaa hin qabu taanaan afaan kee kessaa hin baasin.

↪️ Hamee/nama hamachu:
Seera Leewootaa 19/16 akkas jedha:
“Inni Waaqa dha! Saba kessan giddu asiif achii adeemtanii hin hamatiinaa.”

Lafa namni tokko hin jirretti maqaa nama tokko kaasanii: itti faraduun, hadhessun, waantanni godhe afursun, holola irratti ademsiisun gabaabaadhumatti hamee jedhamee beekama. Afaan girikitti hikaan Seexanaaf kenname hamattu, hodu-tamsaaftu dha. Hamachun hojii Seexanaati. Hamachu duwaa miti, warra hamattutti maamila ta’anii hodu sobaa kanaan of soruniis cubbu dha. Macaafa Fakkeenyaa 18/8 akkas jedha:
“dubbin nama nama hamatu akka buddeenaa mi’aa; innis gara mar’umaanitti gad hin bu’a.”

Adaamumaan keenya cubbamaa waan ta’eef: kufaatii namoota kaanii, dadhabiina isaani, laafina isaani, gadhumaa isaani yaroo dhageeny gurra keenya isa cubbamaatti itti tola. Namooti hoduu akka buddeenaatti ittin soraman jiru; hiriyyumaa isaanii hoduu irratti kan ijaaratan, hoduu walitti hodessuf kan wal dhara’aan akka nama wal yaadee du’uf jedhutti kan wal arguuf guyyu fiigan tokko lama miti. Waan nugalchinetti, waan nunilaaletti hoduuf dhebochun kan nama gaddisisu dha.

Fakkenya 18/8
“Dubiin nama nama hamatuu akka buddeena mi’aati; innis gara mar’umaanitti gad inbu’aa.”

Nama hodu baay’isu irraa fagaa dhu jedha sagaleen Gooftaa:
Fakkenya 20/19
“namni asiif achii labee nama hamatu, dhoksaa hin mul’isa; nama dubbi baay’isutti fagaa dhu.”

Hamattu dhageefachun akka nama hatuu waliin walii galee mi’a hatun hatee bitatuuti.
Farfannaa 15/1-3

“Yaa Waaqayyo godo kee kessa enutuu bufata ree? Tullu kee isa qulqulaa’aa irras enyutuu jiraata ree? Nama baleessaa malee jiraatu, nama wanta qajeelaa hojetu, nama garaa isaatiin dhugaa dubbatu, nama arraba qaratee asiif achii hin labne, nama nama irratti hamaa hin hojeenne, nama olaa isaa hin ceephaane.”

Kutaan kuun waan sadii akka gonuuf nuu yaadachiisa:
↪️ nama hamachu dhiisu;
↪️olaa keenya irratti hamaa dubbachu dhisu;
↪️hiriyyota keenya cepha’u dhiisu dha.

Hamee irraa attamitti of eegu qabna?
↪️Hameen cubbu akka ta’ee barii/amanii.
↪️Cubbu kanattii qalbii diddiradhu.
↪️Namoota yokaanis haala kanatti sii geessu irraa fagaadhu.
↪️ Hamee dubbachuu dhiisuf murtoo godhadhu.
↪️ Hafuurri Waaqayyo akka siigutee arraba kee to’atuuf kadhadhu.
Kutaa 5ffaan itti fufaa eebbifamaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *