Naanaatiin Galoo Dhiifama Gaafate ajaa’iba!

Application kunni jechoota dinqisiisoo garagaraa kan of keessa qabu bufaadha link isa bareefama kana jalaa jira

 Naanaatii

Akkam jirta Galookoo
Abbaa manaa qaali
Utuu ani siif jiruu
Akkas boo’uun maalii?
Garaan na boora’ee
Anoo deebi’een gaabbee
Kitaaba hin barreessiin
Koottu araaramna aabbee

     Galaanoo

Ujummoo dhiigakoo
Jaalala birriin cuftee
Bofa fakkii namaa
Ammas natti dhuftee ?
Onnee jaalalaa gattee
Kan suusoftu horii
Gufuu natti hin taa’iin
Karaakoorraa gorii

     Naanaatii

Dhiifama naaf godhi
Lakki yaa Galaanoo
Erga beekamteetii
Sitti yaate dhalaanoo
Erga beekamteetii
Anoo suman yaadaa
Lammaffaa sin ganu
Siifan gala waadaa

     Galoo

Ani yeroon qabuu
Kitaaban barreessaa
Waanta ati na gooten
Dhalootaaf tarreessaa
Torbee lamaa oliif
Buddeena na lagdee
Sichi nan argattu
Utuu sagal fagdee

     Naanaatii

Ani maalan godhe
Sumatu balleessee
Sirnaan nyaachuu diddee
Isan siif qopheessee
Muuddiin siif galuu didee
Bulee ka’een sitti himaa
Atis ta’uu dadhabdee
Hojii keetti cimaa
Narraa galagaltee
Rafta halkan guutuu
Utuu dhiirri jiruu
Naanaatiin haa duutuu?

        Galoo

Abjuutiin qarshii hammattee
Jaalala gabaa baastaa
Halkan walakkeessa
Irribaa na kaastaa
Sangaan jabbii dhalaaree
Burqituunis ol yaatii?
Sichi nan argattu
Nagaan turi Naanaatii

   Naanaatii

Kitaabakee sana
Utuun siif gulaalee
Akkam natti tola
Galoo ilma salaalee
Gaafa Onnee jaalalaan
Ol fuutee na baattee
Maal qaba akka har’aa
Beekamtii qabaattee ?..

Application kunnooti amumaa bufaadha itti Fayyadama

https://play.google.com/store/apps/details?id=com.ashete.jechootadinqisiisoo

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *