JAALALA DHUGAA SOBAN GANAME! 

Hojii toora online hojjechuuf waan biraa hin barbachisuu bilbila keessaniin mana taa’anii akka gaariitti hojjechuun of jijjiiruu dandeessu application barruu kana gadii jira buufadhaa itti fayyadamaa

Walaloo Jaalalaa
osoo qabduu tokko
Hiriyyaa jaalalaa
tokkumti sin geessuu?
Maal goota daldala

Siin du’a siin gaggaba
Simalee hin jiraadhu
Somba keetin malee
hafuura hin baafadhu

Jettee waadaa galtee
Erga ishee jaalattee
Kan biraa maal goota?
Tokko si hanqattee?

Dhiisi hin sobiin maalo!
Waadaa haalun yakkadha
Dhugaan ishee si iyyatam
Dhugaan ilma waaqadha

Elaame obbolessa Koo
Yaa Isa jaalallee qabdu
Yoo ati ishee dhiistes
Isheenis tokko hin dhabdu

Hamma meeqa ijaartee
Meeqa deebiste diigdu
Karuma irratti argitee
Dubara jala fiigduu

Dhiisi mal sif goodha
Nama 150 dhiibuun
Waada ofii kee galte
Ofuma keetin diiguun

Kaleessa jaalalaan
Lubbuu waliif dhabdu
Har’a immoo hinaaffan
Albeedhan wal qaltuu

Osoo akkas ta’ee lubbuu
Utuun arguun jaamee
Jaamaa of fakkeesse!
Akkan argaa hinjirretti
Sobeen of amansiise!

Jaalala keef jedheen
Raatuu raata’aan ta’e
Si argachuuf jechaan
Namummaati ba’e!

Safuu uumaan cabse
Heeraaf seera uumaa
Sodaa maleen daake
Dhoqqee gowwummaa

Anaaf hubattaa laata
Tarii guyyaama tokko
Siif galuu ni danda’a
Waa’een jaalala koo!

Garaa naaf ni laafta
Joormaa koo argitee
Gaaf tokko naaf barta
Guyyaan kun darbitee

Jedhee utuun si eeguu
Aduun koo lixxee baate
Onneekoos jiraataa hafte
Jaalala keef garba taatee

Garuu…….
Jaalalatu na godhe malee
Gowwaa gowwaan gadii
Nama adda baasne se’iin
Isa gurraachaaf isa adii!

Ejjennoo kootis hubadhu
Jaalala keetiif garba ta’uun
Yoon of dhabee sis dhabe
Hinjiru booddee deebi’uun!

Application kunooti buufadhaa itti fayyadama 👇🏾

https://play.google.com/store/apps/details?id=com.givvyvideos

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *