Eenyummaa Hafuura Qulqulluu ilaalchisee yaadni dogoggoraa hedduutu jira.

Macaafa qulqulluu isa sirri argachuuf appy kana buufadhaa link isa barreeffama kana jala jira

Hafuurri Qulqulluun eenyu?

Eenyummaa Hafuura Qulqulluu ilaalchisee yaadni dogoggoraa hedduutu jira. Tokko tokko Hafuura Qulqulluu akka humnna iccitiitti ilaalu. Kaan immoo Hafuura Qulqulluun humnna qofa malee eenyummaa akka hin qabneetti ilaalu.

Macaafni Qulqulluun garuu waa’ee eenyummaa Hafuura Qulqulluu maal jedha?
Macaafni Qulqulluun Hafuurri Qulqulluun Waaqayyo akka ta’ee fi yaada, beekumsa, miiraaf fedhii kan qabu akka ta’ee ibsaa.

Hafuurri Qulqulluun Waaqayyoo ta’uun isaa, Ho.Ergamoota 5/3,4 irratti hin arginaa. Pheexiroos jaraan “Waaqayyo malee nama qofa sobde” miti jedhee itti hima. Kanaaf Hafuura Qulqulluu sobuun Waaqayyoon sobuu dha. Hafuurri qulqulluunis amala Waaqayyoo waan qabuuf Waaqayyo ta’uu isaa beekuu dandeenya. Fakkeenyaaf iddoo yaraa macaafa Qulqulluu keessa yoo ilaallee:

1↪️ Bakka hundatti argama

Faarsa 139/7,8 irratti “Hafuura kee jalaa eessa dhaquu danda’a? Fuula kee irraa eessatti baqachuu danda’a? Gara samiitti yoon ol ba’e ati achi jirta; siree koo yoon tolche.” gadi fageenya, ati achi jirta.”

2↪️ Waan hundumaa beeka

1Qor/2
¹⁰ Waaqayyo garuu hafuura qulqulluudhaan isa kana nutti mul’se; hafuurri qulqulluun waan hundmaa, yaada Waaqayyoo isa gad fagoo iyyuu qoree bira in ga’a.
¹¹ Waan yaada namaa keessa jiru, hafuuruma namicha keessa jirutu beeka malee, namni biraa beekuu hin danda’u; akkasumas hafuura Waaqayyoo malee, eenyu illee yaada Waaqayyoo hin hubatu.

Jaalala Waaqayyoo namnni baruu barbaadee Hafuura Qulqulluu wajjin wali galee isaaf abbomamuu qaba.

3↪️ Hafuurri qulqulluun hin gadda, Efesoon 4/30

4↪️Hafuurri qulqulluun nuuf kadhata, Roomaa 8/26,27

5↪️ Hafuura Qulqulluun murtoo ni kenna, akka fedhetti kenna barbaadee abba jaalateef kennaa. Maliif akkas goote kan jedhee gaafatu hinjiruu, 1Qorontoos 12/7,..11

6↪️Hafuurri Qulqulluun Waaqa.
Cuuphaa fi eebbi kan raawaatuu ” Maqaa Abbaa, Ilmaa fi Hafuura Qulqulluu” dhaani Mateewos 28/ 18,20
Sadan tokkummaa Waaqayyoo keessa isa tokkoo dha.

6↪️ Jajjabeessa fi Gorsaa dha.

Gooftaan Yesuus kan inni
waadaa gale “Hamma deebi’ee dhufutti kan isin keessaa fi isin bira jiraate isin jajjabeesun isiniif erga” jedhee isa kanaa dha. Kanaaf Gooftaan Baga deeme jechuu dha. Gooftaan ala waan tureef keessi duuka buutoota duwwaa turee. Yeroo inni du’ee baqatani dhoksaatti jiraacha turani.

Ergaa hafuura qulqulluu argatani booda garuu sodaan badee ijaa jabinaafi humnnaan guutamani akka isaatti du’a ulfina qabeessa du’an (isa amananiif du’uun ulfina qabeessa). Kun kan ta’ee humnna Hafuura Qulqulluutiin.
Yohaannis 14/16, 26, 15/26, Hojii Ergamootaa 2 Eebbifamaa
Kabajamtoota hordoftootaa keenya, barumsi kun karaa nama waaqayyoo Dr Mezgebu irraa nuuf darbaa jira.

Application kunooti buufadhaa itti fayyadama

https://play.google.com/store/apps/details?id=com.robba.muleta.macaafaqulqulluu

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *