Nama moo Bineensa! seenaa dhugaa dubbifamuu qabuu

πˆπŒπ€π€ππ€π€ πˆπŒπˆπŒπŒπ€π€ππˆπˆ!

Seenaa dhugaa dubbifamuu qabuudha!

Jireenyi qabsoodha. Mijatee akka garaa namaaf hinta’u. Utuu nyaachuu fedhanii agabuu buluu, uffachuu barbaadanii daaruu qaba…
Maatii harka qalleessa irraan dhaladhe. Gadadoo jireenyaatti ilkaan biqilchadhee, kan biqiles buqqiffadheen guddadhe. Amma umurii dargaggummaa keessan jira. Kanaaf hojjedhee of danda’uu, maatii koos gargaaruun qaba. Kana gochuuf immoo magaalaatti galee hojjechuun dirqama jedheen murteesse.
Akkuman jedhe hiriyyaa koo faana gara magaalaa deemnee, qarshii nurka jirtuun mana kiraa fudhannne. Barbaacha guyyootaa booda hojii warshaa arganne. Hojjennee wanta argannu irraa wal gargaarree kiraa manaa kaffalla. Kan irraa nuuf haftuun immoo akkuma humna keenyaatti bulla…

Ji’oota lama booda hiriyyaan koo waliin manaa baane na dhiiftee deemte. Walitti bu’iinsa tokko hinqabnu. Akka obbolaatti osoo waliif jirra jennuu akkas na goote. Deemuufan jedha jetteellee natti hinhimne. Sana booda jireenyi baay’ee natti ulfaate. Manni kiraan lama taanee kaffalaa turre ana qofa ilaallata. Jireenyi wal gargaaraa turre harra narratti jigeera. Waanan godhu hinqabu. Alatti galuurra jedheen waanan argadhu mana kiraa kaffala. Gaafan argadhu nyaadhee, gaafan dhabu immoo ta’a. Jireenyi nuffisiisaan kun oolee narra bubbuleera…

Galata waaqaa amma hoomaa hinjedhu.
Dargaggeessi umuriin waggaa 24-25 hincaalle gara jireenya koo dhufeera. Wal barree haala jireenya koo itti hime. Hamma danda’u akka na gargaaru waadaa naaf seene. Akkuma jedhe godhe. Biiftuu dukkana jireenya koo ibsu naaf ta’e.
Turtii yeroo booda gaaffii jaalalaa naaf dhiyeesse. Tole jedhee itti waliif galeen gaa’eela dhaabbanne. Mana tokkotti waliin galuu eegalle…

Yeroo booda dhiigni isaa keessa kootti nama akka ta’aa jirun bare. Nan ulfaa’e! Galgala yeroo inni hojiitii dhufu wanta ta’en itti hime. Ni gammade. Na hammatee adda koo keessa dhungachaa, “abbaa ilmaan ta’uuf jedhaka” jedhe. Kan nama dhibu garuu akkan ulfaa’e dhiisii akkan heerume iyyuu maatiin koo hinbeekan. Kansaas akkasuma…
Guyyaa tokko galgala jala tilmaamaan naannoo sa’a 12 booda, “mana hiriyyaa koo deemnee qodaa wayii fuunaa ka’i. Achumaan miilla hiikkatta mana keessa oolte” naan jedhe. Ani garuu dadhabeera. Dhiisi aduun dhi’eeraa deemi kottu, dadhabaan jiran jedhe. Inni garuu tole hinjenne. “Bakka tokko ta’aa ooltee maaloo ka’i xiqqoo qilleensa fudhadhu” naan jedhe. Gaddisiisuu koorra jedheen, fedha koo malee ka’e…
Sibiila ‘feerroo’ harka bitaatti qabatee, harka mirgaan harka koo na qabee deemuutti kaane. Maal goota sibiila kanammoo? jedheen gaafadhe. “Aduun gara dhiyaati, manni hiriyyaa koo immoo moggaadha. Yooma sareen nutti dutte ilkaaniin ciniinnaa?” naan jedhe. Kolfeen dhiise.

Xiqqoo erga deemnee booda, ga’uuf hinjennee? dadhabeeran jedhe. Garaatti waanan baadhuuf baay’ee deemuu hindandeenye. Geenyeerra jabaadhu xiqqoomatu hafe naan jedhe. Aduun seentee lafti dukkanaa’aa jira. Ammas takka erga deemnee, ani baay’ee dadhabeera ganaadha yoo ta’e dhaqii kottu taa’een si eegan jedhe. “Dukkana kana keessa kophaa kee teessaa? Geenyeerra daqiiqaa lama hincaalu jabaadhu naan” jedhe. Lafti dukkanaa’eera, sanuu manni isaa moggaadha waan jedheef caakkaa keessa deemna…
Nan sodaadhe. Dukkanni lafa uffisee sagalee namaa dhiisii, bineensonni iyyuu akka waan sodaatanii callisanii jiru. Qaamni koo na hollate. Ni dhaabate, anis dhabadheen maal taaten jedhe. Deebii naaf hinlaanne…

Natti garagalee sibiila harka jiruun mataa koo keessa na rukute. Bitintireen kufe. Achitti natti dabale. Garaa koo keessa gadi na dhiite. Lafan kufee miilla koo qabee lafarra na gototaa na fuudhee deeme. Caakkaa keessa waan ta’eef qoraattiin uffata koo kukkutee, qaama koorra dhiiga yaase. Lubbuun na keessa jiraaf natti dhaga’ama. Achi butee qarqara boolla/bowwaa tokkoo na ciibse. Akka lubbuun na keessa jiru baree sibiila sanaan dabalee mataa keessa na rukute. Sana booda waan ta’e hinbeeku….

Caakkaa keessa bakkee bulee ganama namoonni na argan. Nama ta’uun koo badaa hinbeekamu. Qaamni koo dhiigaan dhiqamee, uffanni narratti ciratee, awwaarri guutummaa namumnaa koo dhoksee jira.

Namoonni dhimma biraaf deeman dhiiga koo lafatti arganii, shakkiin barbaadanii na argan. Qaamni poollisii dhufee ambulaansii waamuun gara hospitaalaa na geessan…
Yaalii cimaafi dheeraa booda erga duutetti jedhanii of bare. Morma koo keessa sibiilaan na waraanee ture. Lafeen mataa koo cabee keessa bu’eera. Ilkaan koo fuulduraa guutummaattu irraafi jalaan narraa dhumaniiru. Ulfi koo narraa ba’eera. Du’a irraa oolus jiraachaan jira jechuun nama rakkisa. Du’aa ol jiraa gadi jireenyi koo. Namaa gadi ta’een taa’ee harka namaa eeggadha…
Eeruufi hordoffii yeroo booda, abbaan manaa koo akkas na godhe harka seeraatti kufe. Adabbii cimaan adabame. Garuu anaaf maal godha. Jireenyi koo miidhamaan xummurameera. Amman jirutti harka namaa eeggadheen jiraadha. Silas sichi abdii maaliin qaba?…jette miidhamtuun dhuunfaa kun!

Seenaa dhugaa kana bo’aan isheerraa dhaggeeffadhe. Utuun boo’uun addaan kutaa, itti deebi’aa barreessee fixe. Obbolaa koo nama akkamiifaatu addunyaa kana irra jiraa!? Wal dhabdee tokko malee haadha manaa isaa ilmoo garaatti baattu namni akkas godhu maali? Dhuguma namaa!
Of eeggachuun barbaachisaadha. Namni shonkora miti ciniinamee hinilaalamu.

Kanaaf naannoo kee kan jiran adda baafachuun barbaachisaadha. Bara lubbuun namaa gatii dhabe kana keessatti akka malee akka hintaaneef, eenyu waliin akka jirtu cimsitee beekuun sirraa eegama. “Fira fakkaattee allaattiin sinbira nyaatti” jedhan.
Hariiroo keessa seenuun dura sirriitti waa’ee hiriyyaa kee baruun gaariidha. Gaa’elli maatiin hinbeekne hinbarbaachisu. “Of eeganii yaa waaq na eegi jedhu” jedha Oromoon. Ammas irra deebi’een siin jedha, hubannoon jireenya of eeggannoo qabu jiraadhu!

Seenaa kana irraa akka barte abdiin qaba. Hiriyyoonni kees akka irraa baraniif dabarsiif eebbifamaa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *